(Madda Oduu ABO/MOA/Sadaasa 2,2009) Godinoota Baalee fi Harargee Dhihaa keessatti sirni wayyaanee sobaan barattoota mooraa leenjii waraanatti akka galan godhaa jiraa, barattoonni ammoo loltummaaf kaadhimaman diddaa fi mormiin imaammata Wayyaanee kana dura dhaabbachuun gabaafame.
Godina Baalee bakkoota heddutti duulli wayyaaneen barattoota kutaa 10 xumuran loltummaaf qaadhimatuu kun bal’inaan adeemsifaa kan jiru wayta tahu, Godina Harargee Dhihaa keessatti itti fufee jira.
Haaluma kanaan Godina Harargee Lixaa Ona Burqaa Diimtuu ykn naannoo Tayfetti, barattoota kutaa 10 xumuran humnaan walitti qabanii hujii mootummaat argattuu dura leenjii waraanaa fudhaa duulli je’u dabballoota wayyaaneen adeemsifamaa jira.
Duulli kaa’imman Oromoo barattoota tahan dirree leenjii waraanatti guuranii ficcisiisuf akeekkate kun, Godin Harargee Lixaa magaalota akka Galmsoo, Bookee Xiqqoo fi Araddaa Gammachiis keessatti bal’inaan adeemsifamaa jira. Gootowwan barattoota Oromoo Godinoota Baalee fi Harargee ammoo duuula wayyaaneen loltuu taasifachuuf adeemsisaa jiru kana dura dhaabbatanii mormaa jiru. Sabboontonni Oromoo gama isaaniin wayta wayta hallaan WBOtin sirna gabroomsaa wayyaanee irratti cime kanatti ilmaan Oromoo meeshaa akka taane hubachiisan.
*******
Duulli hidhaa fi saamichaa wayyaaneen Godina Harargee Bahaa fi Lixaa keessatti adeemsifamu daran hammaachuu MOA gabaase.
(Madda Oduu ABO/MOA/Sadaasa 2,2009) Haaluma kanaan Ona Odaa Bultum Araddaa Surrii keessaa Sabboontonni Oromoo Husseen Bayaan, Yaasiir Rashiidoo fi Mahammad Ahamad je’aman Oromummaa isaanii yakkamanii hidhatti darbamuun hiraarfamaa jiru.
Basaasotni wayyaanee abbaa Araddaa Onichaati kan ifiin je’u Husseen Muussa Daadhi fi fakkaatan isaa Aammadoo Aliyyii je’aman hidhamuu ilmaan Oromoo kanneenif sababa akka tahan mirkanaawee jira.
Ergatichi Wayyaanee milishaa Araddaa 22 tahe Bashiir Waariyoo je’amus deeggartummaa ABOn ummata nagaa yakkee akka hidhamanii fi saamaman taasisuu irratti argama. Lukkeen diinaa kun ilmaan Oromoo kanneen akka Aammad Sheekaa, Iftuu Nibraas, Kaa’isaa Bayaani fi Aaminaa Aadam je’aman qabsiisee akka hidhatti darbataman taasisee je’a odeessi kun.
Gama biroon lukkeewwan kun namoota nagaan ABO deeggartan maqaa je’uun nama tokko irraa maallaqa hanga 500 saamaa akka jirantu gabaafame. Duulli hidhaa fi saamichaa kun Godina Harargee Baha keessattis haalan balbal’atee jira. Ergamtoonni wayyaanee bakkayyuttuu ummata nagaa hiraarsa jiran daddaffiin dalagaa farrumaa itti jiran irraa akka dhaabbatan Sabboontonni Oromoo akeekkachiisa cimaa dabarsaa jiru.
MOA |